Old school Swatch Watches
HomeAkkuma ijji foonii waan lafarraa akka ilaalluuf nuuf kenname ijji amantiis inni keessaa warra amananiif kenname headtagsHafuura Qulqulluu Holy Sprit Global stylesheet
Like us on Facebook
Oolchaadha! Ofkolchaadha Waaqayyo!!
Aarayablog
Xtgem
Our web address
Onesmos Nasib
Hiikaa Awwaajii namoota
bebbeekamoo Oromoon qabaatanii
dhaban keessaa nama tokko.
Namni kun bara jireenya isaa
keessatti waan yeroo hunda maqaa
isa dhoofsisuu fi sabni isaa itti
tajaajilaman kaa’ee nama
darbeedha. Kanumaa Hiikaa
Awwaajii eenyu inni, bara jireenya
isaattoo Oromoof maal godhe?
Barreeffamni kun deebisa kan
qabateera.
Hiikaa Awwaajii 1856 biyya
Oromoo kutaa Iluu-Abbaabor
keessatti dhalate. Abbaa fi haati
isaa horii horsiisuun jiraatu turan.
Hiikaan isaa waggaa afurii abbaan
isaa irraa waan du’eef obbolaa isaa
lamaan hafan waliin kunuunsa
haadha isaan jiraata ture. Garuu
utuu fagaa hin turin gaaf tokko
namoonni hidhannoo lolaa qaban
bakka Hiikaan haadhaa fi
obboleyyan isaa lamaan waliin
loon tikfatan dhaquun namoota
biroo Hiikaafaa waliin turan erga
ajjeessaniin booda Hiikaa fi
obboleyyan isaa haadha isaanii
harkaa butatanii fudhatan. Haati
Hiikaa u..uuu..uuu… jette. Na
jajjeestan malee ijoollee koo na
harkaa hin fudhattan jettee iyyite.
Garuu jarri iyyaa fi bo’icha isheef
bakka hin laanneefaa. Hiikaa
harkaa butatanii deeman. Guyyaa
sanaa ka’ees Hiikaan ni garboome.
Maqaan isaas jijjiiramee Nasiib
jedhame.
Namtichi jalqabaaf isa bitates yeroo
gabaaf erga of bira turseen booda
Hiikaan bo’ee, waan rakksiieef
qaamaa fi qalbiin erga darareen
booda dabarsee gurgurate.
Hiikaan haala akkasiin yeroo
torbaffaaf gurgurame. Inni
torbaffaatti bitates naannoo jiru
irraa fagaatee Mitswaa bakka
jedhamutti fudhatee gale. Namtichi
kunis amalaan nama baayyee gara
jabeessa ture. Hiikaan harka nama
kanaa keessatti baayyee miidhame,
reebamee hidhameeras. Guyyaa
tokko manaa ba’ee magaalaa
dhaqee achitti nama adii( Faranjii)
arge. Battalumatti waan namtichi
isa bitatee jiru ittiin jedhe sammuu
isaa keessatti balaqqise. “biyya
kana bulguun foon namaa
nyaatutu jiraa of eeggadhu. Yoo ati
hammaatte yookaan baduu yaalte
isattan si gurgura” kaninni jedhu.
Hiikaan sana dura nama adii argee
waan hin beekneef bulguun nama
nyaatu sun isa kana jedhee yaade.
Jireenya akka sanaa jiraachuurras
bulguu sanaan nyaatamee
boqochuu hawwe.
Hiikaan ammas yeroo saddettaffaaf
gabaatti dhihaatee, Faranjii
Bulguudha jedhamee itti himamaa
ture sanatti gurgurame. Yeroo
sanatti hiikaan yeroo jalqabaaf
jireenya isaatti abdii kutate. Utuu
biyya isaatti deebi’ee haadhaa fi
obboleyyan isaa hin argin du’atti
akka dhihaate itti mul’ate. Namni
marroo dhumaaf isa bite Itti aanaa
Qonsilaa Embassy Faransay kan ta’e
nama Vener Musinger jedhamu yoo
ta’u yeroon isaas baatii
Onkololessaa 1870 ture. Akka
Hiikaan tilmaametti Musinger
Hiikaa qalatee nyaachuuf kan bite
osoo hin taane bilisa baasuuf ture.
Battalumattis mana barumsaa
warra Misiyoonii Sweden galche.
Hiikaanis Carraa isa mudate kanatti
guddaa gammadee hamilee
guutuun waan barateef barnoota
isaatti jabaa ta’e. Bitootessa 31,
1872ttis Cuubame. Maqaan isaas
jijjiiramee Onesmos jedhame.
Onesmos jechuun afaan Girkiin
waan fayidaa qabu jechuudha.
Onesmos luba isa barsiisee isa
cuube Lundihaal biratti kabajaa fi
jaalala guddaa horate. Yeroo
kanatti yeroo jalqabaaf gara
dhaloota isaatti deebi’ee warra isaa
barbaaduu kan jedhu yaadni itti
dhufe. Kadhannaan isaas “…yaa
Waaq yoom biyya abbaa kootti na
deebistee warra koon wal na
agarsiifta kan jedhu ture. Garuu
akka inni yaadutti osoo hin taane
biyya Sweden deemee barnoota
isaa akka itti fufu kan jedhu
qajeelfamni itti dhufe. Diduu hin
danda’u. Waxabajjii 25 bara 1876 ti
biyya Sweden magaalaa Stockholm
gahe. Afaan Sweden baruun yeroo
itti hin fudhanne. Waggaa shan
keessatti barnoota Amantii baratee
xumure. Sana booda hawwii isaa
duraa kan biyya Oromootti
deebi’uu jedhu sana dhugoomsuuf
1881tti gara Sudan dhaqee
achirraan Mitsuwaatti deebi’e.
Amma yaadni biraan sammuu isaa
cinqee qabuu jalqabe, maatii isaa
arguu osoo hin taane wangeela ofii
baratee jireenya barabaraa ittiin
abdate sana saba Oromoo waanjoo
garbummaa jala jiran sanaan ga’uu
ture. Kanaafuu Macaafa qulqulluu
gara afaan Oromootti hiikee
maxxansiise. Kitaabota aadaa fi og
barruu afaan Oromoos afaan
Oromoon barreessee og barruu
afaan Oromoof bu’uura lafa kaa’e.
Sana boodas Onesmos Akka
yaadettis salphaatti lafa Oromoo
ga’uu baatellee dhuma irratti saba
Oromoo bira ga’ee misiraachoo
wangeelaa kana itti himuu
danda’eera.

www.rayamideksa.xtgem.com
Gudina-tumsa1
by Kobbee

KAAYYOO FI WAREEGAMA!

Baroota keessatti namoota gosa
sadiitu mul'ata.

♦ Namoota xiqqoon seenaa keessatti sabaaf jiraatani, sababa jiraataniif immoo hojii isaaniin yaadannoo jiraatu kaahatan. Namootni akkanaa kaayyoo isaaniif wareegamuun dirqamu ni malan.

♦ Namootni gariin immoo, namoota seenaaf uumaman kana wareeguuf uumaman. Dhaloota jaamaa. Iji isaanii, namoota ija ta'an dacheen nyaatani arguun alatti mul'ata biraa hin qaban.

♦ Namootni gariin, kan lakkoofsaan baay'een, namoota seenaaf hin uumamne, garuu seenaan kan jiraatan tahu. Namooti akkanaa gochaa namoota jajjaboo faarsuun
gochaa namoota badoo
waakkachuun jiraatu.

Qabxii armaan olii kaasuun koo sissiquun geeraruufi akkuma
jedhamu waa haasawuu fedheeni.
Waggoota darban keessa prizedantiin German, Joachim Gauck awwaalcha Luba
Guddinaa Tumsaa do'achuu isaanii
kutaalee sab- qunnamtiin gabaafamaa tureera.

Yeroo kana anis duubatti deebiyee, kuusaa laptop koo keessaa waa'ee Luba Guddina Tumsaa irratti gaaffii hiriyyootni koo fi ani mucaa isaanii irraa gurraan dhageenyee katabnee
keenye turre hundumaaf yoon
qoode, seenaan nu barsiise nu
onnachiisa jedheen yaade.

Hojii jabduun Luba Guddinaa
Tumsaa saba Oromoof darbees
waldaa amantii Kiristaanaaf
darbees immoo saba biyyaa lafaa
hundumaaf gumaachan baraan kan
jiraatu dha. Dhaloota amma jiraatu
kanaaf gatii guddaa itti kanfalame.
Mucaan Luba Guddinaa Tumsaa
waa'ee abbaa ishee yeroo nu ibsite
akkana ture kan jettu:
"Abbaan koo dhalootaan maatiin
isaa wangeela hin beekan, garuu
akkan barreeffama irraa dubbisetti
gara waggaa kudhanii yeroo ta’u
mana barumsaa misiyoonii
naannoo isaa jiru galee, achitti
hamma tokko waa’ee wangeelaa
dhaga’ee gooftaa Yesus Kiristoosiin
fudhate. Isa booda gara magaalaa
Naqamtee dhufee achitti immoo
barumsa isaa itti fufe. Hojii waa’ee
barumsa eegumsa fayyaa irratti
(dreeserii) ta’ee hojjechaa ture;
achitti wangeela lallabuu jalqabe.
Guyyaa guyyaa hospitaala keessa
hojeechaa gara galgalaa wik’indii
(weekend) ba’eeti wangeela lallaba
ture. Anis ijoollummaa irraa kaasee
akkan argetti namoonni isa wajjin
jiraachaa turanis akka dhugaa
ba’anitti, wangeelaaf jaalala gubaa
ta’e qaba ture. Namoota
hundumaatti nama wangeela
lallabuu jaallatu ture. Garuu
maqaan isaa baay’ee biyya keessaa
fi alatti akka beekamu kan godhe,
ilaalchi inni wangeelaaf qabutu isa
bara amma irraa (isa amma
“traditional” jedhamu irraa) ykn
aadaa wangeelaa isa beekame irraa
adda waan tureefi dha. Kunis immo
isa holistic ministry jechuu dha.
Holistic ministrii'n kun guutummaa
namaa tajaajilu jechuu dha.. Namni
hafuura; fooniis, hafuurri isaa
wangeela barbaada; foon isaa
immoo tajaajila foonii barbaada.
Kanaaf nama beela’e tokko
wangeela waaqayyoo afaaniin yoo
itti lallabne isa hin fayyadu. Foon
isaa miidhamaa jira waan ta’eef.
Yoo immoo waan foon isaatiif
fayyadu itti himte lubbuu isaatu
miidhama; kanaaf, tajaajilli
laatamuuf kan wal madaale ta’uutu
irra jira jechuu dha. Yaada kana
egaa barumsa booda argateen
deebisee bal’iseera. Garuu akka
beektonni jedhanitti yaadni kun
duruma iyyuu isuma keessa ture
kan jedhu dha. Sababni isaa
tajaajila foonii akka nama ogeessa
fayyaa tokkootti laataa ture.
Tajaajila hafuuraa immoo
wangeela itti lallabaa ture.
Durumaa iyyuu kaasee holistic
ministirii kana shaakalaa ture. Isaa
booda immoo waldaa inni
tajaajilaa ture, waldaa Naqamteetti,
rakkoon tokko tokko uumamee
gara biyya Kambaataatti eragamee
achi waggaa tokko kan ta’u erga
tajaajilee booda dandeettii isa
keessa jiru, geggeesitoota namoota
misiyoonii keessaa, namni biyya
Ameerikaa tokko argee akka inni
barumsa tiyoolojiidhaaf (thiology)
gara biyya Ameerikaa akka deemu
isa taasise; achitti immoo bal’inaan
yaada addaatti dhufe jechuudha.
Kitaabota
dubbisuudhaan
namoota akka Difriisni
Boon Ofaarii lammii
biyya Jarmanii goota
amantii kan ture;
Hitlariin ajjeefame, kan
biraa kan akka Martiin
Luutar King namicha isa
guraacha Ameeriikaanii
mirga ilmaan
namootaatiif bara
60ffaa keessa falmaa ture, kitaaba
akkas akkasii dubbisuudhaan
baay’ee fedhiin isaa babalchaa
adeeme. Ameerikaadhaa deebi’ee
Waldaa isaatti yeroo galu akka
barreessaa ol aanaa Waldaa
Makaana Yesus Itiyoopiyaa ta’ee
akka tajaajiluuf muudamee gara
waggaa kudha sadii kan ta’uuf
tajaajile. Egaa, erga inni waggaa
kudha sadii kan ta’uuf tajaajile
booda dha, karaa irraa butamee
kan inni ajjeefame.
Sababiin kun irra ga’eefi immoo
mootummaa Hayilesillaasee
keessattis, mootummaa Dargii
keessattis waa’ee mirga ilma
namaa falmaa waan tureefi dha.
Fakkeenyaaf, waa’een abbaa
qabeenyummaa lafaa utuu
barattootni Yuuniversitii hin ka’in
dura, gaaffii isaa kan kaase Waldaa
Makaana Yesuus ture. Waldaan kun
immoo kana kan kaaste
geggeessaa isaa jalatti dha.
Bara Hayilesillaasee keessa sirni
lafaa ture.Kun saba warra qotee
bulaa kan miidhu waan ta’eef,
parlaamaan Hailessillaasee isa kana
ilaalee abbaa qabeenyummaalafaa
biyyaatti keessa jiru akka
sirreessitan jettee, Waldaan
Makaana Yesus geggeessaa isaa
jalatti xalayaan barreessite hanga
amma galmee keessa jira. Kanaaf
waldaan yeroo sanatti warra biyya
lafaa dura buutee biyyi akkamitti
geggeeffamuun akka isaaf ta’u,
haqni ilmaan namaa akkamitti
eegamuun akka isaaf ta’u, karaa
kan agarsiistu turte.
Hayile Sillaseen erga kufee booda
motuummaa Dargii keessattis mirgi
ilmaan namootaa dhiitamuu ni
morma ture. Kana duwwaa miti.
Bara sana keessa sirni
soshaaliziimii, markiisizimii kan
jedhamu, Waaqayyoo hin jiru kan
jedhutu ka’ee ture. Utuu
markiisiizimii fi soshaliizimiin
dhaqee iddoo hin qabatin dura,
fagootti arganii dura waldaan
kiristiyaanaa, tajajiltoonnii fi
luboonni, markisizimiin fi
soshaalizimiin kun maal inni isa
jedhu akka isaan barataniif
workishooppii iddoo addaa
addaatti, sinodosiiwwan keessatti
qopheessuudhaan yoo sirni akkasii
kun ka’e nuyi immoo akkamitti
wangeelaan dura dhaabachuu
dandeenya kan jedhuuf duraan
dursa tajaajiltoota hundumaa
qopheesse ture.
Kuniif wantootni adda
addaa mootummaa
baay’ee sodaachisaa
turani, dhuma irratti
utuma akkas jechaa
adeemu tokkummaa
waldoota kiristiyaana
Itoopiyaa kan jedhu
dhaabe. Kunis waldoolii
addaa addaa walitti
fiduudhaan waan ta’eef
kun mootummicha baay’ee
yaaddesse. Sababni isaa
mootummaan Waaqayyoo hin jiru
jedhu tokko asiin immoo harka
biraatiin Waaqayyo jira warri
jedhan walitti qabamanii humna
jabaa ta’anii yeroo ka’an Dargiin of
dura ilaaleetu kun sodaachisaa dha
kan jedhuun, utuu inni waldaa
Makaana Yesus Uraa’elitti barsiisa
laatee harmee koo wajjiin manatti
galaa jiruu, karaa irraa butame.
Bakka inni jiru yeroo dheeraadhaaf
erga dhabamee booda waggaa
kudha sadii booda yeroo
mootummaan Dargii kufu lafeen
isaa iddoo itti awwaalame argame.
Innis immoo battalumaan galgala
butame sana akka ajeefame
saaxilame jechuu dha. "
Akkanatti ture Aadde
Leensaan haala toora
qabateen kan garee
keenyaadhaf ibsanii
turan. Maarree nama
kabajaa sabaaf ofii
wareegamee ifi akka
dhalootaf saaqamu
taasise, dhalooti si'anaa
meeqatu garaati qabaa
jedhee yeroon yaadu
gaaffi natti uume. Yeroo tokko
tokko osoo namni wa'ee isaa hin
beekin inni ormaa xiyyeeffannoo
yeroo itti laatu argina.
Kabajaa Prezedantichi German
goota keenyaaf argisiisan
dinqisiifadheen, nuyi immoo
namoota seena faarsuun jiraatu
osoo hin taane namoota seenaa
keessatti quba galchatanii sabaaf
jiraatan nu haa taasisu jechaa,
akeeki Waaqayyo gara biyya lafaa
kanaa nu fidees isa kana akka tahe
haasawaa, asumaanan xumura.

Hojii jabduun Luba Guddinaa
Tumsaa saba Oromoof darbees
waldaa amantii Kiristaanaaf
darbees immoo saba biyyaa lafaa
hundumaaf gumaachan baraan kan
jiraatu dha. Dhaloota amma jiraatu
kanaaf gatii guddaa itti kanfalame.
Mucaan Luba Guddinaa Tumsaa
waa'ee abbaa ishee yeroo nu ibsite
akkana ture kan jettu:
"Abbaan koo dhalootaan maatiin
isaa wangeela hin beekan, garuu
akkan barreeffama irraa dubbisetti
gara waggaa kudhanii yeroo ta’u
mana barumsaa misiyoonii
naannoo isaa jiru galee, achitti
hamma tokko waa’ee wangeelaa
dhaga’ee gooftaa Yesus Kiristoosiin
fudhate. Isa booda gara magaalaa
Naqamtee dhufee achitti immoo
barumsa isaa itti fufe. Hojii waa’ee
barumsa eegumsa fayyaa irratti
(dreeserii) ta’ee hojjechaa ture;
achitti wangeela lallabuu jalqabe.
Guyyaa guyyaa hospitaala keessa
hojeechaa gara galgalaa wik’indii
(weekend) ba’eeti wangeela lallaba
ture. Anis ijoollummaa irraa kaasee
akkan argetti namoonni isa wajjin
jiraachaa turanis akka dhugaa
ba’anitti, wangeelaaf jaalala gubaa
ta’e qaba ture. Namoota
hundumaatti nama wangeela
lallabuu jaallatu ture. Garuu
maqaan isaa baay’ee biyya keessaa
fi alatti akka beekamu kan godhe,
ilaalchi inni wangeelaaf qabutu isa
bara amma irraa (isa amma
“traditional” jedhamu irraa) ykn
aadaa wangeelaa isa beekame irraa
adda waan tureefi dha. Kunis immo
isa holistic ministry jechuu dha.
Holistic ministrii'n kun guutummaa
namaa tajaajilu jechuu dha.. Namni
hafuura; fooniis, hafuurri isaa
wangeela barbaada; foon isaa
immoo tajaajila foonii barbaada.
Kanaaf nama beela’e tokko
wangeela waaqayyoo afaaniin yoo
itti lallabne isa hin fayyadu. Foon
isaa miidhamaa jira waan ta’eef.
Yoo immoo waan foon isaatiif
fayyadu itti himte lubbuu isaatu
miidhama; kanaaf, tajaajilli
laatamuuf kan wal madaale ta’uutu
irra jira jechuu dha. Yaada kana
egaa barumsa booda argateen
deebisee bal’iseera. Garuu akka
beektonni jedhanitti yaadni kun
duruma iyyuu isuma keessa ture
kan jedhu dha. Sababni isaa
tajaajila foonii akka nama ogeessa
fayyaa tokkootti laataa ture.
Tajaajila hafuuraa immoo
wangeela itti lallabaa ture.
Durumaa iyyuu kaasee holistic
ministirii kana shaakalaa ture. Isaa
booda immoo waldaa inni
tajaajilaa ture, waldaa Naqamteetti,
rakkoon tokko tokko uumamee
gara biyya Kambaataatti eragamee
achi waggaa tokko kan ta’u erga
tajaajilee booda dandeettii isa
keessa jiru, geggeesitoota namoota
misiyoonii keessaa, namni biyya
Ameerikaa tokko argee akka inni
barumsa tiyoolojiidhaaf (thiology)
gara biyya Ameerikaa akka deemu
isa taasise; achitti immoo bal’inaan
yaada addaatti dhufe jechuudha.
Kitaabota
dubbisuudhaan
namoota akka Difriisni
Boon Ofaarii lammii
biyya Jarmanii goota
amantii kan ture;
Hitlariin ajjeefame, kan
biraa kan akka Martiin
Luutar King namicha isa
guraacha Ameeriikaanii
mirga ilmaan
namootaatiif bara
60ffaa keessa falmaa ture, kitaaba
akkas akkasii dubbisuudhaan
baay’ee fedhiin isaa babalchaa
adeeme. Ameerikaadhaa deebi’ee
Waldaa isaatti yeroo galu akka
barreessaa ol aanaa Waldaa
Makaana Yesus Itiyoopiyaa ta’ee
akka tajaajiluuf muudamee gara
waggaa kudha sadii kan ta’uuf
tajaajile. Egaa, erga inni waggaa
kudha sadii kan ta’uuf tajaajile
booda dha, karaa irraa butamee
kan inni ajjeefame.
Sababiin kun irra ga’eefi immoo
mootummaa Hayilesillaasee
keessattis, mootummaa Dargii
keessattis waa’ee mirga ilma
namaa falmaa waan tureefi dha.
Fakkeenyaaf, waa’een abbaa
qabeenyummaa lafaa utuu
barattootni Yuuniversitii hin ka’in
dura, gaaffii isaa kan kaase Waldaa
Makaana Yesuus ture. Waldaan kun
immoo kana kan kaaste
geggeessaa isaa jalatti dha.
Bara Hayilesillaasee keessa sirni
lafaa ture.Kun saba warra qotee
bulaa kan miidhu waan ta’eef,
parlaamaan Hailessillaasee isa kana
ilaalee abbaa qabeenyummaalafaa
biyyaatti keessa jiru akka
sirreessitan jettee, Waldaan
Makaana Yesus geggeessaa isaa
jalatti xalayaan barreessite hanga
amma galmee keessa jira. Kanaaf
waldaan yeroo sanatti warra biyya
lafaa dura buutee biyyi akkamitti
geggeeffamuun akka isaaf ta’u,
haqni ilmaan namaa akkamitti
eegamuun akka isaaf ta’u, karaa
kan agarsiistu turte.
Hayile Sillaseen erga kufee booda
motuummaa Dargii keessattis mirgi
ilmaan namootaa dhiitamuu ni
morma ture. Kana duwwaa miti.
Bara sana keessa sirni
soshaaliziimii, markiisizimii kan
jedhamu, Waaqayyoo hin jiru kan
jedhutu ka’ee ture. Utuu
markiisiizimii fi soshaliizimiin
dhaqee iddoo hin qabatin dura,
fagootti arganii dura waldaan
kiristiyaanaa, tajajiltoonnii fi
luboonni, markisizimiin fi
soshaalizimiin kun maal inni isa
jedhu akka isaan barataniif
workishooppii iddoo addaa
addaatti, sinodosiiwwan keessatti
qopheessuudhaan yoo sirni akkasii
kun ka’e nuyi immoo akkamitti
wangeelaan dura dhaabachuu
dandeenya kan jedhuuf duraan
dursa tajaajiltoota hundumaa
qopheesse ture.
Kuniif wantootni adda
addaa mootummaa
baay’ee sodaachisaa
turani, dhuma irratti
utuma akkas jechaa
adeemu tokkummaa
waldoota kiristiyaana
Itoopiyaa kan jedhu
dhaabe. Kunis waldoolii
addaa addaa walitti
fiduudhaan waan ta’eef
kun mootummicha baay’ee
yaaddesse. Sababni isaa
mootummaan Waaqayyoo hin jiru
jedhu tokko asiin immoo harka
biraatiin Waaqayyo jira warri
jedhan walitti qabamanii humna
jabaa ta’anii yeroo ka’an Dargiin of
dura ilaaleetu kun sodaachisaa dha
kan jedhuun, utuu inni waldaa
Makaana Yesus Uraa’elitti barsiisa
laatee harmee koo wajjiin manatti
galaa jiruu, karaa irraa butame.
Bakka inni jiru yeroo dheeraadhaaf
erga dhabamee booda waggaa
kudha sadii booda yeroo
mootummaan Dargii kufu lafeen
isaa iddoo itti awwaalame argame.
Innis immoo battalumaan galgala
butame sana akka ajeefame
saaxilame jechuu dha. "
Akkanatti ture Aadde
Leensaan haala toora
qabateen kan garee
keenyaadhaf ibsanii
turan. Maarree nama
kabajaa sabaaf ofii
wareegamee ifi akka
dhalootaf saaqamu
taasise, dhalooti si'anaa
meeqatu garaati qabaa
jedhee yeroon yaadu
gaaffi natti uume. Yeroo tokko
tokko osoo namni wa'ee isaa hin
beekin inni ormaa xiyyeeffannoo
yeroo itti laatu argina.
Kabajaa Prezedantichi German
goota keenyaaf argisiisan
dinqisiifadheen, nuyi immoo
namoota seena faarsuun jiraatu
osoo hin taane namoota seenaa
keessatti quba galchatanii sabaaf
jiraatan nu haa taasisu jechaa,
akeeki Waaqayyo gara biyya lafaa
kanaa nu fidees isa kana akka tahe
haasawaa, asumaanan xumura.



εїз εїз εїз εїз εїз εїз εїз εїз εїз εїз εїз






MAAL JAALALLI AKKASII!

Yohaannis qulqulluun akkuma
dubbate
Sagaleen waaqa irraa dhufee
foon uffatee
Biyya lafaa guutuu naanna’ee
barsiisee
Bartoota fo’atee wangeela
bal’isee
Jaamaa ija bane duudaa
dhageesiisee
Mana gaddaa
dhaqee isaan jajjabeessee
Abddii nama
hundumaa amantiin haaressee
Du’aa guyyaa
afurii lubbuun jiraachisee
Warra ittiin
morman afaan qabachiise
Arsaa cubbuu godhee ofii isaa
of laatee
Waraansa Keenya hundaa
mataa isaatti fudhatee
Badiisa nu oolchuuf Yesuus
yoom boqotee?
Biyya lafaa keesatti yoom aara
galfatee?
Asiif achi jooree biyya lafaa
keessa
Akka ilmoo abbaa hin qabnee
akka dhala hiyyeessaa
Nutti haa dhaga’amu dadhabbii
fi joormaan isaa
Waan inni nuuf ta’e garaa
namaa raasa
Tuffii fi ari’atamuun yoom isa
daangessee
Kaayyoo inni qabu irraa yoom
booddee deebiise
Ilma waaqummaa isaa of
iraanfachiisee
Namoota buufachuuf kan gad of
deebisee
Gooftaan yoom wallaalee
dhiphina akka baatuu
Reebaamuu fi dhiitamuun akka
isa eeggatuu
Gaafa qabamuu isaa wangeela
barsiisee
Aka du’ee ka’u sagaleedhaan
ibsee
Gidiraa ooluudhaaf dammaqaa
kadhadhaa
Wangeela labsuudhaaf amantii
qabaadhaa
Ilmi namaa hin deemaa gara
mirga abbaa isaa
Amanamoo ta’aa hoolota koo
tiksaa
Akkasittiin ibse dhiphinaa fi
du’a isaa
Pheexiroosiif Yohaannis
bartoota koo keessaa
Isin lamaan dhaqaa faasiikaa
qopheessaa
Irra deddeebi’een isin
hubachiisaa
Waliiwajjin nyaachuuf kanuuma
carraan isaa
Mana qulqullummaa isa kan
amantii
Jigsee nan ijaara guyyaa sadii’itti
Jedhee isaaniif ibse warra
bartootaatti
Gaaffii isaaniitti ta’e
mormiitoota isaatti
Guddaa hin aaran
Warri Barsiisota fi warri
maanguddootaa
Inni maal odeessaa iddoo ofii
laata?
Ani mootiidha jedhee aboo isaa
himataa
Harka xuraa’aadhaan cubbamaa
wajjin nyaataa
Jedhanii aaranii hafuura baafataa
Walga’ii ta’aani hin mari’atanii
Kuni nu balleessuuf maal
goonaa jedhanii?
Dhuga-baatuu sobduu raga itti
baasanii
Murtiitti dhiheessuudhaaf
Yeesuusiin qabanii
Mootonni lamaanuu wal harkaa
fuudhanii
Afaan banatanii itti ga’isanii
Beektonni macaafaa warri of
tuultonni
Hiriira galanii gaaffii gafatani
Gaarii inni godhu hamaatti
jali’isu
Sobdoota fidanii dhugaa irrati
baasu
Innis hin falmanne waa’ee
dhugaa isaatii
Raawwatee darbuudhaaf
karoora abbaa isaatii
Mana qulqullummaa jigsee
ijaaruudhaafii?
Attamitti danda’a maaltu aboo
kennaafi?
Jedhee guddaa aare mootichi
heroodisi
Kanaani itti fufee
ajjeesisuudhaaf ii
Balleessaa isaa hundaaf kunuu
ga’aa miti
Nuuf haa fannifamu hattoota
giddutti
Yommus nagaa argata biyyi
lafaa cufti
Jedhanii wawaatu mormitoonni
marti, keessaa warri mootii
Yaa jal’inaa....!!
Kuni balleesaadhaa du’atti nama
geessaa
nama jaallachuun isaa?
Sagalee jireenyaa uumamatti
labsuun isaa
Maaf hikaa itti laatuu jechaaf
dubbannaa isaa?
Innoo dhuma hinqabuu nagaa fi
araarri isaa
Yihuudaan gurguree pheexiroos
hin gane
Dhiphina isaa keessatti nama
tokko hin arganne
Dafqa du’aa dafqee utuu kufee
ka’uu
Abbaa kadhataafi warra isa
ceepha’uu
Utuu darbatanii utuu kabalanii
Baayyeen itti tufu kaaniis
tuffatanii
Hattoota lamaaniin waliin
qixxeesanii
Yesuus ilma waaqaa fannootti
fannisanii
Waa’ee keenyaaf jedhee
Yeesuus hin dhiphate
Du’a nu hambisuuf jirma jiidhaa
baate
Hundumatu waraane garaa itti
jabaatee
Helohee......he lohee... jedhee abbaa
kadhate
Hoo’uu dhugi jedhanii
hadhaa’aa itti laatuu
Ati ilma waaqaatii jedhanii
tuffatu
Yesuus ilmi waaqaa naaf siif
tuffatame
Harka jal’ootaatiin fannotti
rarraafame
Abdiin haareffamee
Utuu aboo qabuu mirga
abbaasaa dhiisee
Waa’ee koof waa’ee keef kan
gad of deebiisee
Kan kana irra caaluu jiraaree
jaalallii
Ani barbaadeen dhabe gochaa
kanaan olii
Kan akka Maaramfaa warrii
jaallatanii
Hamma iddoo awwaalchaatti isa
barbaadanii
Maaloo nu gargaaraa dhagaa
irraa nuuf kaasaa
Reeffa masiihi keenyaa mee
nutti argisiisaa
Jedhanii kadhatu himimmaan
lolaasaa
Warri nanna’anii eegan
awwaalcha isaa
Jiraataa barbaadduu warra
du’an keessa?
Inni ka’ee deeme hin beeknu
bakka isaa
Nus akkuma argine boollicha
banaa isaa
Waan dubbannu dhabne dinqiidha
waa’een isaa
Jedhanii ibsaniif waa’ee
jabina isaa
Bartoonnis gaddanii abdii
kutatanii
Isa isaan geggeessu masiihii
ergaa dhabanii
Amma egaa hin deebina laga
qurxummiittii
Sichi maal eeggannaa kunoo isa
dhumaatii
Utuu isaan jedhanii waliin
dubbatanii
Maaramfaas dhaqanii
bartootatti himanii
Yesuus achii hinjiruu gamadaa
jedhanii
Olii fi gadi fiigaanii gammachuu
labsani
Yesuus hin dhaabate surraan
gidduu isaanii
“Hinsodaatiinaa !” ani du’a
mo’eeraa!
Aboo waaqummaattin mirga
abbaa ta”eeraa
Jedhee jajjabessee
Abdii bartoota isaa deebiisee
haaressee
Gatii cubbuu fi du’aa Yesuus fixe
nurraa
Du’aa ka’uu isaatiin abdiin
hara’eeraa
Si’ol duwwaatti hafe dukkani
lafarraa
Leencichi Yihuudaa du'aa
kaafameeraa gamadaa ililchaa
Ameennn!
,
,
,
,
,
#Ababaayee_Loome tin!
Copyright © 2014 Oromo
Evangelical Church of Ottawa —

Aarayablog 1

WAAQAYYO EENYU?
→Uumaa, Gooftaa, Danda’aa
waan hundumaa, jiraataa
barabaraa, kan hin geddaramne
jalqabaaf dhuma kan hin qabne (Alfa
Omega)...
Waaqayyo jiraachuu isaa
attamitti beeknaa?
1. Waaqayyo Uumama
keessaan of beeksiseera
→Uumamni jiru marti uumaan
jiraachuu isaa hima. Sababni isaa
wanti hojjetame tokko yeroo
hundumaa waan isa hojjete of
duubaa qabaata waan ta’eef.
Akkuma kana uumamni
uumamee lafa kana irra jiru
martis kan isa uumee fi akka inni
amma jirutti akka jiraatu godhe
tokko jiraachuu isaa ofuma isaa
odeesse. Rom.1:19-23;
Keessa deebii 4:19 isaan
kana Waaqayyotu uume
Qol.1:16-17 wanti hundumtuu
isaan uumame.
Uumama yeroo jennu wantoota
uumaman jechuu keenya akka ta’e
isaanis warra waan hin jirre irraa
jiraachifaman jechuu dha.
Iyyob 12:7-25
uumamni Waa’ee Waaqayyoo
dhugaa bahu!
2. Qalbii (Garaa keenyaan) jiraachuu
Waaqayyoo
beekna.
→Keessi namummaa namaa inni
Waaqayyo uume (Far.139:13)
Seera Waaqayyoo beeka. Kana
irraa kan ka’e, namni hundumtuu
uumama isaatiin wanta
Waaqayyoon gammachiisu
qalbii isaa keessatti beeka;
yoodhuma isaaf abboomamee
jiraachuun isa rakkise iyyuu. Yoo
isa kamiin akka waaqeffatan
wallaalan iyyuu, namoonni
hundumtuu ofii isaanii keessaa
fedhaa fi barbaacha waaqeffannaa
qabu. Rom.2:12-15
Yeroo tokko barsiisaa ‘Waaqayyo
hin jiru’ jedhee barsiisu tokkotu,
Gabatee gurraacha irratti
“WAAQAYYO HIN JIRU! HIN JIRU! HIN
JIRU! HIN JIRU! HIN JIRU..."
jedhee gutnaan barataan isaa
tokko aaree, “Barsiisaa! Tokko hin
jiru jettee barreesiteetta. Gabatee
gurraacha kanaan guutuun kee
immoo maal jechuu dhaa?”
jedhee gaafate. Barsiisichi garuu,
“Eeyyee Waaqayyo hin jiru. Garuu
akkas jedhee barreessee gara
keessanitti yeroon deebi’u qalbiin
koo immoo, INNOO JIRA’naan
jedha”. Egaa sammuu koo kana
amansiisuufan hamma kana
barreesse.” Jedhe jedhama.
3. Karaa gurguddaa ittiin namootatti
dubbate keessaa inni guddaan
karaaa Yasuus Kiristoos
→Macaafni Qulqulluun
‘Waaqayyoon namni arge tokko illee
hin jiru ilma isaa isa bobaa isaa jalaa
bahee dhufe irraa kan hafe’ jedha.
(Yoh.1:18 ). Waaqayyo
jalqaba uumamaatii jalqabee
karaa garagaraa dubbachaa ture.
Bara gara dhumaatti garuu Karaa
Yasuus Kiristoos ilma isaan nutti
dubbate (Ibr.1:1-3).
Yoh.1:14
Yoh.1:17-18
Luqa. 10:22…isa ilmi itti
mul’ise malee abbaa kan beekuu
danda’u hin jiru
Yoh.17:26 Yasuus, “siin itti
beksiseera, ammas ittan
beeksisa…” jedhe.
Yoh.8:38 Waanan Abaakoo
biraa arge isinitti himeera
Yoh.12:49
4. Karaa Macaafa Qulqulluu fi dubbii
Waaqayyoon jiraachuu Waaqayyoo
beekuu dandeenya!
→Macaafni Qulqulluun jalqabaa
amma dhumaatti Waa’ee
Waaqayyoo isa jiruu dubbata.
Waa’ee jiraachu Waaqayyoo
shakkii waan hin qabneef
Macaafni kun Hojii isaa irraa
jalqabee seenessa.
Faar. 53:1 Macaafichumtuu,
“Gowwaan Waaqayyo hin jiru
jedha” jedheera.
Bahuu 3:14 “Ani isa jiraataa
dha. Ati immoo saba Isiraa’eliin ‘Inni
jiraataan isinitti ana
ergeera in jetta’”
Ermiyas 10:10 Inni Waaqa
isa jiraataa dha.
5. Karaa Hafuura Qulqulluun
→Hafuurri Qulqulluun jiraachuu
Waaqayyoo dhugaa nuuf
baha.Yesuus Waa’ee Waaqayyoo
dubbatee mul’iseera. Hafuurri
Qulqulluun immoo Waa’ee Yesuus
Kiristoos dhugaa baha.
Yoh. 16:13-15
Yoh.7: 16-18;
Yoh.14:26 Wanta Yesuus
barsiise Hafuurichi immoo
yaadachiisa. Gara dhugaa
hundumaattis geessa.
1Qoro.2:10-13
1Yoh.2:20;27
6. Karaa Kadhannaa
→Kadhannaan Waaqayyoo
wajjin duddubachuu dha.
Namni amanee kadhatu
tokko deebii Kadhaa isaatiin
jiraachuu Waaqayyoo ofiifis
ta’ee namootatti agarsiisuu
danda'a.
Bara Eliyaas keessa namoonni
Isiraa’el Waaqolii namoonni
naannoo isaanii jiran
Waaqeffatanitti goranii
Waaqayyoon isa dhugaatti
dudda gatanii turan. Isatti
dudda gatuu isanii irraa
kan ka’e, waaqolii biroos of
irratti moosisuu isaanii irraa
kan ka’e Waaqayyoon isa
dhugaa wallaalanii turan.
Inni sababii akka waaqolii
warra kaanii ijaan hin
mul’anneef akka hin jirretti
lakkaa’anii tura. Eliyaas
garuu Iddoo arsaa ijaaree
sabicha duratti Waaqayyoon
kadhachuu isaatiin Inni jiraataa akka
ta’ee fi Waaqolii biroon kan wal bira
hin qabamne ta’uu isaa
mirkaneeffachii see ture.
1Moot. 18:36-39
Mee Ati/isin guyyaa
kadhattanii Waaqayyo biraa
deebii argattanii beektan
yaadadhaa.
7. Karaa Waldaa Kiristaanaa
→Waldaan Kiristaanaa
tokkummaa namoota dhiiga
Kiristoosiin bitamaniti.
Isheen tokkummaa namoota
bifa, qomoo, afaan, aadaa
garagaraa irraa dhufaniiti.
Garuu sababii dhiiga Kiristoosiin
dhiqatanii qullaa’aniif miseensota
tokkummaa kanaa ta’u.
Mul.5:10.
Tokkummaan kun kan
isheen lafa irra jirtu, Waaqayyoon
sabaa fi qomoo hundumaatti
labsuuf. Karaa ishee biyyi lafaa
guutummaatti jiraachuu
Waaqayyoo qofa otuu hin ta’in
fayyisuu fi hojii isaa isa dinqisiisaas
dhaga’u.
Egaa barumsa kana irraa
wanti nuti barannu inni
guddaan: Waaqayyo jira.
Waaqayyo inni jiraataa ta’e kun
immoo karaa garagaraa
namootaatti of mul’iseera.

Bu'aa sagaleen Waaqayyoo jireenya
keenyaf kennu keessa...

→1. Daandii jereenyaa keenyaf ifa
nuuf ta’a!
"Dubbiin kee milla kootiif ibssaa
dha, daandii koo irrattis in
ifa" (Faarfanna 119:105)

→2. Karaa keenya nuu tolcha, yookis
nu qajeelcha!.
"Dargaggeessi maaliin adeemsa
isaa qulla’ummaatti eeguu
danda’a? Akka dubbii keetti
adeemsa isaa qajeelfachuudha an
eeggachuu in danda’a." (Faarfanna
119:9)

→3. Jireenya keenyaf jabina nuu
kenna!.
"Ammas harka Waaqayyoo isa isin
jabeessu, dubbii ayyaana isaa isa
qulqulloota isaa hundumaa
gidduutti dhaala isiniif kennuu
dandda'uttis isin nan
kennadha." (Hojii Ergamootaa
20:32)

→4. Abdii Waaqayyoo nutti mul’isa
(1Qorontos 2:9-12; 2 Phexros 1:21)

→5. Biillaa hafuuraati!
"Sagalee Waaqayyoo akka biillaa
hafuura qulqulluu
fudhadha." (Efesoon 6:17)

→6. Nyaata hafuuraati!
"Akka mucooliin reefu dhalatan
aannan barbaadanitti, isinis
fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf
yeroo hundumaa dubbii hafuuraa
isa haxxummaan keessa hin jirre
akka aannanii sana dhara'aa." (1
Phexros 2:2)

→7. Beekkumsa dhugaati!
"Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu
geggeessaa hafuura Qaaqayyootiin
caafame; barsiisuuf, balleessaa
hubachiisuuf, qajeelchuuf,
qajeelummaattis leenjisuudhaaf
dhimma in baasa. Namni
Waaqayyoo waa gochuuf kan
danda’e, hojii gaarii hundumaafis
kan qophaa’e akka ta’u in
godha." (2 Ximotewos 3:16-17)
Dhugaan immoo birmaduu nu
baasa.
Yesus Yihudoota warra isatti
amananiin, "Dubbii kootti
qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin
dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha
in hubattu; dhugichis birmaduu isin
in baasa" jedhe. (Yohannis 8:31-32)

→8. Burqaa ogummaa fi hubannaa
nuuf ta’a!
"Abboommiin kee . . . diinota koo
caalaa ogeessa na godhe. Wanti ani
irra-deddeebi’e e itti yaadu
abboommii siif dhugaa ba’u wan
ta’eef, ani barsiisota koo hundumaa
caalaa nan qalbifadha. Ani ajaja kee
waanan egeef maanguddoota
caalaa nan hubadha."
(Faarfanna 119:98-100)

→9. Ittiin qajeelfamna!
"Caaffata qulqullaa'aa, humna
Waaqayyoos waan hin beekiniif
irraa kaattan." (Maatewos 22:29)
"Warra dubbicha [Waaqayyoo] hojii
irra oolchan ta’aa malee warra
dhaga’uu duwwaadhaan of
gowwoomsan hin tainaa!" (Yaaqoob
1:22)

→10. Akka ibiddaa nu qulleessa!
"Dubbiin koo akka Ibiddaa mitii
ree? akka burrusa dhagaa kataa
caccabsuu mitii ree?" (Ermiyaas
23:29)

→11. Akka burrusaa mata-jabina
yaada garaa keenyaa cabsa!
(Ermiyaas 23:29)

→12. Yaadaa fi akeeka garaa
keenyaa qora!
"Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha,
humna hojjetus of keessaa qaba;
biillaa gar-lamaan qarame caalaa
qara qaba; inni lubbuu fi hafuura,
buusaa fi dhuka gargar in baasa,
yaadaa fi akeeka garaa namaas
qoree faraduudhaaf in
danda'a." (Ibrootaa 4:12)
Sagaleen Waaqayyoo kana
hundumaa nuuf ta'uu kan danda'u,
yommuu dubbifnuu fi dhageenyu
duwwaa utuu hin ta'in, dhageenyee
hojii irra yommuu olchinuu dha.
"Warra dubbicha [Waaqayyoo] hojii
irra oolchan ta’aa malee warra
dhaga’uu duwwaadhaan of
gowwoomsan hin
ta’inaa!" (Yaaqoob 1:22)
Ameeen! Gooftaan hunduma keenya
dhageenyee akka ittiin jiraannuf
nuun haa gargaaru!
Hubannaa barreffama gabaabduu
tana irraa argatteettaa! Itti
gammaddeettaa! Ittiin
eebbifamteettaa ! Maarree jaalala
kee yoo ta'e #share gochuun
obboleessa kee bira akka gahuuf
atis gahee kee bahi! Eebbifami!!


Yesus maalif nama ta’e gara biyya lafaa dhufee?

WAAQAYYOOF HUNDUMTUU
SALPHAADHA!

=>KAN KEE IYYUU WAAQAYYOOF
SALPHAADHA!

Maqaanii fi hojiin Waaqayyo ittiin
of mul’isu kan amalaa fi
eenyummaa isaa calaqisiisu dha.
Jalqabaa jalqabee Waaqayyo
wantoota hundumaa uumuudhaan
Uumaa ta’uu isaa mul’ise. Ergasiis
cubbuu fi xuraa’ummaan
mormuudhaan Qulqullummaa isaa
agarsiise. Kana malees, Waaqayyo
qofaa isaa Waaqeffamuunii fi
jajamuun kan isaaf ta’u ta’uu isaa,
jireenya Waaqolii tolfamoo keessaa
Abrihamiin waamuun agarsiise.
Waamichi Abrihamiif ta’e kun
(Ser.Um.12), Waaqayyo namootaa
wajjin tokkummaa jiraataa
qabaachuu akka inni barbaadus ni
agarsiisa. Adeemsa jireenya
Abriham keessatti immoo
Waaqayyoo akkaata garaagaraatti
itti kan of mul’ise yoo ta’e iyyuu,
inni guddaan tokko, Hundumaa kan
danda’u (Elshaaday) ta’uu isaatiin
ture. Waaqayyo isa hundumaa
danda’u dha.
Amallii fi dandeettiin uumuu
Waaqayyoo, qulqullummaa Isaa, fi
namaa wajjin tokkummaa
godhachuu barbaaduu Isaa amma
illee itti fufee jira.Kana jechuun
har’a iyyuu Waaqayyo inni
hundumaa danda’u kun sii wajjin
tokkumma godhachu barbaada.
Siin eebbisee, adda sibaafatee
achumaan karaa kee namoota
baay’ee fi saba baay’ee eebbisuu
barbaada. Ati tokkummaa Isaa
wajjinii kana qabaachuu/
jabeeffachuu ni barbaaddaa?
Jireenya kee har’aa borii keessatti
immoo danda’aa ta’uu Waaqayyoo
irraanfachuu kee irraa kan ka’ee,
dhimma kee jiraachuudhaaf male
awwaalteettaa laata? Kakuu fi
eebbi kee waan si duraa du’e sitti
fakkaannaan gattee/ awwaaltee
ykn dhiiftee bira darbaa jirtaa?
Misiraachoo! Waaqayyo inni
hundumaa danda’u, isa sitti reeffa
fakkaate kakuu kee fi dhimma kee
irratti hojjetee jiraachisuu ni
danda’aa. Haaluma marfamaa ati
ofitti dhiyeessitee ilaaltee keessaa
bahuu dadhabdu kana keessatti
Waaqayyo daandii haaraa uumuu fi
eebba/mul’ata keen wal biraan si
ga’uu ni danda’a!
Ati garuu gara isaatti deebi’ii,
Uumaa ta’uu Waaqayyoo,
qulqullummaa isaa fi dandeettii
isaa of yaadachiisi! Isa kanas
ammuma godhi. Tokkummaa isaa
wajjin qabdus cimsachuuf/
haareffachuuf ammuma tarkaanfii
fudhadhu. Siif amma illee abdii
jabaatu jiraa.


facebook irratti nu qunnamuuf isa kanarratti cuqaasi!
ጌታ ሙዚቃ እንዳታቀናብር አለኝ
Obboloota koo jaallatamoo
Ameen
NAMA TA'ANIIF IJOOLLEE
WAAQAYYOO TA'U MITI!!
———————————

Namni waan qajeelaa hin
hojjenne, obboleessa isaa hin
jaalannes hundinuu, kan
Waaqayyoo miti;
ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen
seexanaas kanaan ni beekamu. –1
Ergaa Yohannis 3:10

Warri hafuura Waaqayyootiin
geggeeffaman hundinuu ilmaan
Waaqayyoo ti. Hafuurichi isin
fudhattan hafuura ilmummaatti
guddifamuu ti malee, hafuura
garbummaa isa sodaa jalatti isin
deebisu miti; hafuura kanaanis,
"Abbaa Keenya" jennee
Waaqayyoon ni waammanna. –
Gara Warra Roomaa 8:14, 15

Ijoollee Waaqayyoo warra waan
ittiin komataman hin qabne,
warra mudaa, haxxummaas hin
qabne akka taataniif, isinis
dhaloota micciiramaadhaa fi
karaa irraa kaate gidduutti biyya
lafaa irratti akka ibsaa ni ibsitu.
–Gara Warra Filiphisiiyus 2:15

Iddoo biraattis immoo, "Isaan
keessaa adeemaa, ittii gargar
ba'aas; wanta xuraa'aa harkaan
hin qabinaa! Anis isinan simadha,
jedha gooftaan." Akkasumas
immoo, "‘Ani abbaa isiniif nan ta'a,
isinis ilmaan koo intaloota koos ni
taatu,' jedha gooftaan inni
hundumaa danda'u."
–2 Gara Warra Qorontos 6:17, 18

Hamma isa simataniif immoo
ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif
aboo isaaniif kenne; isaanis warra
maqaa isaatti amananii dha. –
Wangeela Yohannis 1:12
Ameeeenn!

Dhuga bahiinsa namoonni
beekamooni fi kabajamoon
waa'ee Macaafa Qulqulluu isa
ulfina qabeessaaf kennan.
--------------- --------------- ----

=>"Waaqayyoo fi Macaafa
Qulqulluu
malee biyya lafaa kana firdii
qajeelaa fi bulchiinsa ga'aatiin
geggeessun tasa hin danda'amu.
(Joorji Waashingiten)

=>"Seexanni guutummaan
guututti
namoota moo'atee kan inni
too'annaa isaa jala galfatu yeroo
akka isaan Macaafa Qulqulluu
dubbisanii dhugaa macaaficha
keessa jiru hin barbaanef garaa
isaanii cufuudha" (Dr. Haawaardi
Keelii).

=>"Macaafni Qulqulluun kun
macaafota hanga har'aatti
maxxanfaman hundumaa keessaa
macaafa ulfina olaanaa
argateedha,
utuun gadduu gara boolla du'aa
kan
ani dhaquuf jaalladheen miti.
Ammas Macaafa Qulqulluu kana
dubbisuuf carraa dhabuu kootif
hagam akka ani gaddu utuu
beektanii. " (Dubbii isa dhumaa
yeroo du'atti dhi'aate Paatraak
Henirii dubbate.)

=>"Yeroo gaddinus ta'ee, yeroo
gammannu Macaafa Qulqulluu
dubbisuu danda'uu qabna. Yoo
kana
ta'uu baate jireenya qajeelchufis
ta'e
ittiin qabuuf humna hin qabaatnu.
(Dr. Helen Kelar).

=>"Yuunivarsiit ii seenanii
barachuun baay'ee barbaachisaa
akka ta'e ittan amana. Haa ta'u
iyyuu malee, yoo Yunivarsiitii
seenuu baatan iyyuu warri
Macaafa Qulqulluu hin beekin
Yunivarsiitiidh aa eebbifaman irra
beekumsaguddaa caalu qabu!
(Pirofeeser Wiiliyaam Liyoon)

=>"Macaafa Qulqulluu
dubbifachuu
kootti buufadheen jira. Mee atis
amantiif hafuura Qulqulluun
Guutamiitii Macaaficha dubbisi!
Bara jireenya kee guutummaatti
shakkii malee nama fooyya'aa
taatee jiraatta.
(Abrihaam Liinken)

=>"Dhugaadhuman jedhaa na
amani. jabina ta'ee dadhabbii,
attamii keessa yoon jiraadhe
Macaafa Qulqulluu utuun hin
dubbifatin gara siree koo hin
dhaqu."
(Daaglaas Maak'artar)

=>"Baroota jireenyaa koo ani
keessa darbe hundumaa keessatti
maallaqa miiliyooni heddutti
lakkaa'amuun mi'oota gara garaa
biteen gurguraa ture! Daldala
kana irraas bu'aa hedduu
argadheen jira, haa ta'u
iyyuu malee, garuu mi'an bite
keessaa qabeenyan ani yeroon
umurii waggaa kudha lama ture
bitadhe caalaa kan bu'aa naaf
argamsiisuu danda'e hin jiru.
Qabeenyaan guddaan kunis
Macaafa Qulqulluu isa ani
Doolaarii Ameerikaa lamaa fi
walakkaadhan biteedha.
Maalummaa koo har'aatiif
sababa kan anaaf ta'e Macaafa
Qulqulluu kanaadha."
(Joon Mekir, daldaltoota
gurguddoota biyya Ameerikaa
keessaa isa tokkoodha).

=>"Macaafni Qulqulluun burqaa
beekkumsa hundaa waan ta'eef,
macaafonni biyya lafaa kana
dinqifachiisan hundumtuu kan
caaseffaman Macaafa kana
irratti" (Daawit Taalmaagi).
.
.
.
.
.
.
.
.
.
.
.
Maddi isaa "Kitaaba
Daqamazmurinnat " kan jedhu
Obbo Amsaaluu Taaddasaatin
afaan amaariffan kan barraa'e yoo
ta'u! Afaan Oromootti jijjiire kan
maxxanse Jaarmiyaa HOG-Barruu
Asteer Gannoo Bara 2005
maxxanfame, "BARATTUMMAA"
jedhu fuula 23 irraa